(Madda Oduu ABO/MOA/Adoolessa 11,2009) Maddeen keessa Wayyaanee akka gabaasanitti dhiheenya kana ibsa Gaazexaa biyya alaaf laateen aangoo gadhiisuuf qophii dha jechuun kijibaa kan jiru mataan sirnichaa, duulli Mallas aangoo gadhiisuu mormu IHADG keessatti akka babal’ifamu taasisaa jira.
Miidiyaaleen Wayyaanees gama isaaniitiin, “Obbo Mallas yo aangoo gadhiisan, yeroo murteessaa kanatti eenyutu IHADG hoggana” yaada jedhu akka babal’isanii fi kadhannaan aangoo hin gadhiisiinaa jedhu Mallasiif akka dhihaatu hojjataa jiru jedhameera.
Mallas wayita gaaffii fi deebii taassisetti “ana qofaa osoo hin taane kanneen bara qabsoo hidhannoo irraa kaasee hogganummaa irra jiran hundi aangoo gadhiisuu qabu” jechuun isaa, abshaalummaan hunda of biraa dhabamsiisee qofaa isaa aangoo dhuunfachuuf tahuu maddeen ni ibsu.
Ummatoonni biyyattii gama isaaniitiin Mallas aangoo gadhiisuu fi gadhiisuu dhabuun kan hin ajaa’ibamne tahuu fi fedhiin isaanii IHADG guutummaatti dhabamee ofiin of bulchuu akka tahe gabaasaan biyya keessaa nu gahe ni addeessa.
********
Sirni Wayyaanee imaammata Oromoo fi olloota isaa walitti diruu hordofuun, ummata Oromoo fi Somaalee Iissaa gidduutti walitti bu’iinsa dhalchee lubbuun nama 1 galaafatame.
(Madda Oduu ABO/MOA/Adoolessa 11,2009)Maddeen keenya baha Oromiyaa irraa akka gabaasanitti dabballoonni sirna Wayyaanee ummata Oromoo fi Somaalee Iissaa walitti diruudhaan qabeenyaa fi lubbuu namaa irraan miidhaa dhaqqabsiisanii jiru.
Walitti bu’insa Ona Mi’eessoo bakka Daalachaa jedhamutti tahe kanaan namni Ammee Huseen Boruu jedhamu ajjeeffamuu maddeen keenya gabaasaniiru.
MOA |